Dubartoonni hedduun bareedinaaf, dulluma ofirraa ittisuuf, akkasumas gogaan isaanii akka ifuuf isparmii qurxummii bifa marfeen/lilmeen fuula isaaniirra waraannachuun baramaa dhufeera.Dubartoonni baayyeen Dubartiin Abii jedhamtu kan umuriin ishee 29 ta'u kilinika miidhaginaa Kibba Maanchistar keessatti argamutti wal'aansa bareedina akkasii warra argatan keessaa ishee tokko.Yeroo wal'aansi kun isheef kennamu akka heddu ishee dhukkube himte. Gogaan fuula ishee akka miidhaguuf zayita (jiinii isparmii) qurxummii saalmoon jedhamu keessa baafame lilmoodhaan kennameefi jira.Qacceen sanyii (DNA) namaa kan qurxummii wajjin wal fakkaata jedhu qorattootni.
Dubartoonni hedduun bareedinaaf, dulluma ofirraa ittisuuf, akkasumas gogaan isaanii akka ifuuf isparmii qurxummii bifa marfeen/lilmeen fuula isaaniirra waraannachuun baramaa dhufeera.
Dubartoonni baayyeen Dubartiin Abii jedhamtu kan umuriin ishee 29 ta'u kilinika miidhaginaa Kibba Maanchistar keessatti argamutti wal'aansa bareedina akkasii warra argatan keessaa ishee tokko.
Yeroo wal'aansi kun isheef kennamu akka heddu ishee dhukkube himte. Gogaan fuula ishee akka miidhaguuf zayita (jiinii isparmii) qurxummii saalmoon jedhamu keessa baafame lilmoodhaan kennameefi jira.
Qacceen sanyii (DNA) namaa kan qurxummii wajjin wal fakkaata jedhu qorattootni.
Ispermiin kanaa erga qaama namaa keessa seenee booda pirootiinota 'kolaajiinii(collagen) fi elaastiin (elastin)' jedhaman akka uumuuf gargaara akka yaada ogeeyyiitti.
Pirootinoonni gosti lamaan kun gogaan boca isaa eeggatee akka miidhagu gargaaru.Abiin gogaan ishee miidhagaa fi fayyaa akka ta'u barbaaddi. Akkasumas, finnisni fi godaannisni gogaa ishee irratti mul'atu akka balleessu barbaaddi.
Pirootinoonni gosti lamaan kun gogaan boca isaa eeggatee akka miidhagu gargaaru.
Abiin gogaan ishee miidhagaa fi fayyaa akka ta'u barbaaddi. Akkasumas, finnisni fi godaannisni gogaa ishee irratti mul'atu akka balleessu barbaaddi.
Jiiniin isparmii qurxummii irraa baafame wal'aansa gogaatiif fayyaduu isaa hedduun mala kana "dinqiidha" jechaa jiru.Namoonni bebbeekamoo fi artistootni waa'ee wal'aansa kanaa dubbachuun isaanii caalaatti akka beekamu taasiseera.Weellistuun lammii Biriteen Chaarlii XCX faayidaa zayita qurxummii gogaa ishee keessa lilmoodhaan naqachuun qabu ibsitee,Hordoftoota ishee miliyoona 9 ta'an inistaagiraamii irraa qabduuf akka qooddetti ''akka vitaaminii fudhachuutti'' jette.''Kanaan durawallaansa baqaqsanii hodhuun pilaastikii (filler) gogaa koo wal'aanaa ture. Amma barri filler dhumeera," jette weellistuun kun.
Jiiniin isparmii qurxummii irraa baafame wal'aansa gogaatiif fayyaduu isaa hedduun mala kana "dinqiidha" jechaa jiru.
Namoonni bebbeekamoo fi artistootni waa'ee wal'aansa kanaa dubbachuun isaanii caalaatti akka beekamu taasiseera.
Weellistuun lammii Biriteen Chaarlii XCX faayidaa zayita qurxummii gogaa ishee keessa lilmoodhaan naqachuun qabu ibsitee,
Hordoftoota ishee miliyoona 9 ta'an inistaagiraamii irraa qabduuf akka qooddetti ''akka vitaaminii fudhachuutti'' jette.
''Kanaan durawallaansa baqaqsanii hodhuun pilaastikii (filler) gogaa koo wal'aanaa ture. Amma barri filler dhumeera," jette weellistuun kun.
Taatuu beekamtuun Kiim Kaardaashiyaani fi Kilooy Kaardaashiyaanis waa'ee wal'aansa kana yeroo jajan dhaga'ameera.Taatuu Jeenifer Aniston gaaffiifi deebii Jimmi Kimmel waliin taasifteen jijjiirama ishee gogaaa ishee ibsiteetti.''Mee na ilaalaa zayitni qurxummii gogaa bareedaa naaf hin kennine?" jechuun gaafatti.Akka Suuzaan Maansfiild, ogeettiin gogaa dhaabbata Dermafocus jedhamu keessa hojjattu jettutti, ''yeroo kana miidhaa dulloomni gogaa irratti fidu duubatti deebisuu dandeenyu irra geenyerra."Kunuunsi gogaa jijjiirameera. Qorannoon fi yaalii saayinsii akka agarsiisutti, ispaarmiin qurxummii irraa baafame gogaa haaromsuu danda'a.Gogaan shuntuuruu fi goddaanisa fuulatti bahullee ni hir'isa."Hojiin keenya elemantii qaama namaa keessa jiru guddisaniiol baasuudha. Kanatu wal'aansicha adda taasisa," jetti Suuzaan.
Taatuu beekamtuun Kiim Kaardaashiyaani fi Kilooy Kaardaashiyaanis waa'ee wal'aansa kana yeroo jajan dhaga'ameera.
Taatuu Jeenifer Aniston gaaffiifi deebii Jimmi Kimmel waliin taasifteen jijjiirama ishee gogaaa ishee ibsiteetti.
''Mee na ilaalaa zayitni qurxummii gogaa bareedaa naaf hin kennine?" jechuun gaafatti.
Akka Suuzaan Maansfiild, ogeettiin gogaa dhaabbata Dermafocus jedhamu keessa hojjattu jettutti, ''yeroo kana miidhaa dulloomni gogaa irratti fidu duubatti deebisuu dandeenyu irra geenyerra."
Kunuunsi gogaa jijjiirameera. Qorannoon fi yaalii saayinsii akka agarsiisutti, ispaarmiin qurxummii irraa baafame gogaa haaromsuu danda'a.
Gogaan shuntuuruu fi goddaanisa fuulatti bahullee ni hir'isa.
"Hojiin keenya elemantii qaama namaa keessa jiru guddisaniiol baasuudha. Kanatu wal'aansicha adda taasisa," jetti Suuzaan.
Garuu gatiin wal'aansa kanaa qaala'aadha. Qoricha lilmoo tokkoof gatii paawondii 250 hanga 500 kan gaafatudha. Jijiirama fiduuf yoo xiqqaate torban walitti aanuuf si'a sadii qoricha kana lilmoo fudhachuun ni gorfama.Akkasumas, ji'a jahaa hanga sagaliitti akka inni sirriitti gogaa miidhagsuuf itti fufanii waraannachuutu barbaachisaadha.Narsii miidhaginaa kan taate Helenaa Daank kilinika kana hojjetu kan ofiishee qabdi. Narsiin kun akka jettutti, wallaansa miidhaginaa kana kennuun dabalaa dhufeera."Maamiloonni koo hedduun garaagarummaa guddaa akka argan dubbatu. Gogaan isaanii cucculuqaa, fayya qabeessaa fi fuula ijoollee fakkaata jedhu."''Maamiltoonni koo muraasni garuu garaagarummaa guddaa hin argine, ta'us garuu gogaan isaanii haaraa ta'ee kan hin shuntuurre ta'uutu itti dhaga'ama."Abin wal'aansa kanaan gammadeetti. "Lilmoo fudhachuun nama dhukkubsa" jettus garuu bu'aa argitetti gammaddeetti.Boolli ijaashee duraan gurraacha tures amma wallaansa kanaan booda qulqullaa'eera.Wal'aansi kun miidhaa kan hin qabneefi bu'a qabeessa akka ta'e himama. Garuu akka haaraa ta'etti jaallatamni isaa afarfamuun saayinsiin dursaa jira. Akka ogeessi gogaa Awustiraaliyaa Dr. Johon Pagliyeroo jedhanitti, bu'uura qacceen sanyii namaa kan ta'an niwuukilootaayidoonni(nucleotides) qaccee sanyii qurxummii irraa argamu kanaan miidhamuu danda'u.''Ragaa amanamaa hin qabnu. Akka ogeessa fayyaa tokkootti bu'a qabeessummaa isaa beekuuf waggoota akka fudhatu ibsuu barbaada. Wal'aansi kun nageenyaafi bu'a qabeessa ta'uu isaa mirkaneessuuf qorannoowwan amanamoo ta'an gaggeeffamuu qabu. Sun ammoo hanga ammaatti hin taane," jedhan
Garuu gatiin wal'aansa kanaa qaala'aadha. Qoricha lilmoo tokkoof gatii paawondii 250 hanga 500 kan gaafatudha. Jijiirama fiduuf yoo xiqqaate torban walitti aanuuf si'a sadii qoricha kana lilmoo fudhachuun ni gorfama.
Akkasumas, ji'a jahaa hanga sagaliitti akka inni sirriitti gogaa miidhagsuuf itti fufanii waraannachuutu barbaachisaadha.
Narsii miidhaginaa kan taate Helenaa Daank kilinika kana hojjetu kan ofiishee qabdi. Narsiin kun akka jettutti, wallaansa miidhaginaa kana kennuun dabalaa dhufeera.
"Maamiloonni koo hedduun garaagarummaa guddaa akka argan dubbatu. Gogaan isaanii cucculuqaa, fayya qabeessaa fi fuula ijoollee fakkaata jedhu."
''Maamiltoonni koo muraasni garuu garaagarummaa guddaa hin argine, ta'us garuu gogaan isaanii haaraa ta'ee kan hin shuntuurre ta'uutu itti dhaga'ama."
Abin wal'aansa kanaan gammadeetti. "Lilmoo fudhachuun nama dhukkubsa" jettus garuu bu'aa argitetti gammaddeetti.
Boolli ijaashee duraan gurraacha tures amma wallaansa kanaan booda qulqullaa'eera.
Wal'aansi kun miidhaa kan hin qabneefi bu'a qabeessa akka ta'e himama. Garuu akka haaraa ta'etti jaallatamni isaa afarfamuun saayinsiin dursaa jira.
Akka ogeessi gogaa Awustiraaliyaa Dr. Johon Pagliyeroo jedhanitti, bu'uura qacceen sanyii namaa kan ta'an niwuukilootaayidoonni(nucleotides) qaccee sanyii qurxummii irraa argamu kanaan miidhamuu danda'u.
''Ragaa amanamaa hin qabnu. Akka ogeessa fayyaa tokkootti bu'a qabeessummaa isaa beekuuf waggoota akka fudhatu ibsuu barbaada.
Wal'aansi kun nageenyaafi bu'a qabeessa ta'uu isaa mirkaneessuuf qorannoowwan amanamoo ta'an gaggeeffamuu qabu. Sun ammoo hanga ammaatti hin taane," jedhan
Niiw Yoork kan jiraattu Shaarleet Birkiliin dubartii ganna 31ti. Cidha isheetiif jettee wal'aansi akka hojjetamuuf taasiste.Wal'aansa kana waggaa tokko dura kan fudhatte yoo ta'u, battaluma sanatti infeekshiniin ishee mudate. Gogaan ishee gurraacha'ee iji ishee jallisaa dhidhiita'eera."Wanti na mudate faallaa waanan eegee ture. Miidhaa biraa qaba. Isaanis gogaa diimachuu, dhiita'uu fi gurraacha'uufaa dabalata. Miidhaan kun yeroodhaaf kan ta'udha," jetti.Namoota tokko tokko irratti alarjiikii uumuun ni mudata. Ispermiin qurxummii gogaa isaanii keessatti sirnaan xuuxamuu dhiisuu danda'a.Yeroo dheeraaf gogaan namaa dallansuu ykn infekshiniin uumamuu danda'a.Biyyoota akka Yunaayitid Kingidam keessatti kilinikoonni miidhaginaa wal'aansa kana kennan jiraatanis akka dhaabbilee wal'aansa birootti qajeelfama hin qaban.Bulchiinsi Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaa illee eeyyama wal'aansaa isaanii hin raggaasifneef."Maaliifan akkasitti of darare jedheen yaada," jetti Shaarleet.Miidhaa irra gahe irraa dandamachuuf doolaara kumaatamaan lakkaa'amu baasteetti.Ji'oota 10f wal'aansa erga argattee boodas madaan gogaa ishee irratti mul'ate ammallee hin baadne. Amma booda yaala kana irra deebitee akka hin yaalle dubbatti."To'annoon waan hin jirreef namni kamiyyuu omisha kamiyyuu fayyadamuu danda'a. Kun balaa qaba," jedhu pirezidaantiin Kolleejjii Fayyaa Miidhaginaa Biriteen Dr. Soofii Shoortar.Maamiltoota isaanii kanneen bifa uumamaa qabaachuu barbaadaniif wal'aansa kana kan dhiyeessan yoo ta'u, filannoowwan biroo akka jiranis ni kaasu.
Niiw Yoork kan jiraattu Shaarleet Birkiliin dubartii ganna 31ti. Cidha isheetiif jettee wal'aansi akka hojjetamuuf taasiste.
Wal'aansa kana waggaa tokko dura kan fudhatte yoo ta'u, battaluma sanatti infeekshiniin ishee mudate. Gogaan ishee gurraacha'ee iji ishee jallisaa dhidhiita'eera.
"Wanti na mudate faallaa waanan eegee ture. Miidhaa biraa qaba. Isaanis gogaa diimachuu, dhiita'uu fi gurraacha'uufaa dabalata. Miidhaan kun yeroodhaaf kan ta'udha," jetti.
Namoota tokko tokko irratti alarjiikii uumuun ni mudata. Ispermiin qurxummii gogaa isaanii keessatti sirnaan xuuxamuu dhiisuu danda'a.
Yeroo dheeraaf gogaan namaa dallansuu ykn infekshiniin uumamuu danda'a.
Biyyoota akka Yunaayitid Kingidam keessatti kilinikoonni miidhaginaa wal'aansa kana kennan jiraatanis akka dhaabbilee wal'aansa birootti qajeelfama hin qaban.
Bulchiinsi Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaa illee eeyyama wal'aansaa isaanii hin raggaasifneef.
"Maaliifan akkasitti of darare jedheen yaada," jetti Shaarleet.
Miidhaa irra gahe irraa dandamachuuf doolaara kumaatamaan lakkaa'amu baasteetti.
Ji'oota 10f wal'aansa erga argattee boodas madaan gogaa ishee irratti mul'ate ammallee hin baadne. Amma booda yaala kana irra deebitee akka hin yaalle dubbatti.
"To'annoon waan hin jirreef namni kamiyyuu omisha kamiyyuu fayyadamuu danda'a. Kun balaa qaba," jedhu pirezidaantiin Kolleejjii Fayyaa Miidhaginaa Biriteen Dr. Soofii Shoortar.
Maamiltoota isaanii kanneen bifa uumamaa qabaachuu barbaadaniif wal'aansa kana kan dhiyeessan yoo ta'u, filannoowwan biroo akka jiranis ni kaasu.
Waa'ee ispaarmii qurxummii bareedina fuulaa dubartootaaf lilmoon kennamuufi falmisiisaa ta'e.
Itoophiyaan dhimma biyya kaanii keessa seenuu dhabuu, gamtaa tolfachuun faallaa biyya tokkoo labsii baasuu dhabuu akkasumas waraana dursitee labsuu dhabuun faayidaa dippiloomaasii akka argattu ishee taasiseera jedhan xiinxaltoonni.
Jeneraal Taaddasaa dabalatee qondaalonni bulchiinsa yeroo afur akkamiin TPLF harkaa miliqan?
Leetnant Jeneraal Taaddasaa Warradaa, Koloneel Tawaldaa, Koloneel Alamsaggadiifi Obbo Isaayaas
Pirezidaantii duranii bulchiinsa yeroo Tigraay Jeneraal Taaddasaa Warradaa dabalatee qondaalonni olaanoon naannichaa afur TPLF harkaa miliquun Raayyaa Ittisaa Itoophiyaatiin fuudhamanii maqalee galuusaanii BBCn mirkaneeffate.
Humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa Maqalee jiru 'to'achuu' booda balaliin haqame
Humnoonni Tigraay guyyaa Roobii ganama buufata xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa magaalaa Maqalee jiru to'achuun isaanii erga dhagahamee booda balaliin gara Tigraayitti taasifaman adda citan.
Xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammad hidhattoonni torba wal ta'an mootummaa kuffisuu malee mootummaa ijaaruurratti wal hin taane jedha
Akka xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammad jedhutti, wal ta'iinsi hidhattoota kanaa ''tumsa sirna ijaaruu osoo hin ta'in tumsa sirna diiguu qofa'' dha.
Walta'iinsi hidhattoonni taasisan 'qilleensarra qofa jira' - Jen. Hayiluu Gonfaa
Itoophiyaa;- Tibbana hidhattoonni Itoophiyaa torba waraanaan mootummaa aangoorraa buusuuf qindoomuu isaani ilaalchisee waanti gama mootumman jedhame maali? Dhimma nageenya irratti gorsaa Perizdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan ta'an Birgaadir Jeneraal Hayiluu Gonfaa waanti jedhan kunooti.
Hoogganaa Sochii Biyyaalessaa Faannoo Amaaraa Zammanee Kaasee, Ajajaa Olaanaa ABO-WBO Marroo Dirribaa fi dura taa'aa TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el (PhD)
Hidhattoonni Itoophiyaa keessa socho'an torba ''dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu'' jechuun maqaa Tibibbir Lehilliwunnaa jedhuun qindoomina haaraa uummachuu Hoogganaan Sochii Biyyaaleessaa Faannoo Amaaraa Obbo Zammanee Kaasee miidiyaa Tigraay irratti ibse.
'Waan akkasii arginees, eegnees hin beeknu' - Qonnaan bultoota midhaan facaasan lafaa ol hin ba'in hafe
Ongeen kanaan dura bakkaa bakkatti darbee darbee mul'ata kan jedhu jiraataan aanaa Bookee kun, kan baranaa kun guutummaatti ta'uus hima.
BBC Afaan Oromoorraa oduu kallattiin argachuuf miseensa Chaanaalii WhatsApp ta'aa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Bulchiinsi Pirezidaant Donald Tiraamp qoqqobbii humna Ittisaa Ertiraa fi dhaabbilee biyyattii tokko tokkorra kaa'amee ture kaasuu beeksise. Murteen kun Jimaata, kaleessaa Fulbaana 18, 2026, Ameerikaadhan beeksifame.
ABO-WBO gamtaa humnoota mootummaa Itoophiyaa mormuuf ijaaramanii Tsimdoo jedhamu keessa akka hin jirre ibse.
Dubartiin tokko kutaa baqaqsanii yaaluu keessatti sireerra ciisti. Gaaziin qoricha qaama hadoochu funyaanshee irra kaa’ameera.
Intalli xiqqoo tokko foddaa bira teessee ala ilaalti. Karka ishee irratti lilmoo qorichatti jira
Ministiira Muummee Abiy Ahmad fi Ministiira Muummee Israa'el Beeniyaamiin Neyaaniyaahuu Fulbaana 1, 2019 magaalaa Yerusaalemitti yeroon waloon ibsa kennan
Ministiira Muummee Abiy Ahmad fi Ministiira Muummee Israa'el Beeniyaamiin Neyaaniyaahuu
Gabaastuu BBC Orlaa Geeriin kibba Yaman keessatti humnoota nageenyaan dabaalamtee gammoojjii qaxanaa waraanaa keessaa gabaasaa yeroo jirtutti suura agarsiisu